«Dhugaa Iyyaafadhu»

«Inni (Allahn) isa na dhukkubsee na fayyisu dha!» Al-Qur’aan.
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.
Yeroo baay’ee Eenyummaa Iyyesuus kiristoos Ilaalchisee marii taasifamu irratti Iyyesuus waaqayyo akka hin taane fii Ergamaa waaqayyoo kabajamaa qofa akka ta’e hubachiisuuf jecha marii yeroo dheeraa fudhatee fi fudhatu ni taasifna. Ammas nama qalbii dhugaa hubattu fii dhugaa barbaaddu qabuu hundaaf Qabxiiwwan sadi qofaan akka Iyyesuus ergamaa waaqayyoo ta’uu malee sadarkaa biraa hin qabne isiniif mirkaneessuu barbaada. Hanga xumuraatti obsaan dubbisaa. Waliifis
share godhaa.
QABXII TOKKOFFAA
Maqaadhuma Isaarraa yoo kaanu “ Kiristoos ” jechuun maal jechuudha?
Maqaan “ Kiristos ” jedhu qoftiin Iyyesuus akka nama ta’e ibsuudhaaf ga’aadha. Akkamitti? Jechuun keessan hin oolu. Eyyeen! “ Kiristos ” jechuun maal jechuudha? Kun kanuma namni hundi deebisuu danda’uu dha. Kiristoos jechuun kan dibame jechuudha. Karaa biraatiin kan muudame ykn aangeeffame jechuus ni ta’a.
Gaafiin Abshaalli kaasuu qabu garuu “ Eenyuutu isa dibe? ” Kan jedhuudha. Kana kiristiyaanni hundi irratti waliif gala kan isa dibe Waaqayyoodha. Macaafni Qulqulluu jedhanii moggaafatan Hojii Ergamootaa irratti akkana jedha:-
«Waaqayyo, Yesus nama Naazireet kana hafuura qulqulluudhaan dibee humnaan akka isa guute, inni naanna’ee hojii gaarii akka hojjete, Seexanaan kan cunqurfaman akka fayyise, Waaqayyo isaa wajjin akka tures beekamaa dha.»(Hojii Ergamootaa 10:38).
Eegaa nuti kan itti waamaa jirruu fi Itti amanaa jirruus Waaqayyo isa Kiristoos dibe dha. Iyyesuus immoo ergamaa kabajamaa waaqa kanaati.
QABXII LAMMAFFAA
Hojiiwwan inni hojjete haa ilaallu:-
Iyyesuus du’aa kaase
Iyyesuus Jaamaa fayyise
Iyyesuus naafa fayyise
Iyyesuus Lamxii fayyise
Nyaata baay’ise
Iyyesuus Bishaan gubbaa adeeme
Iyyesuus dinqiiwwanii fi milikkitoowwan gara garaa hojjetee jira.
∴ “Atuu silaa waaqummaa isaa hin amantuu Maal haa ta’uuf kana hunda haasoofta ree?” Naan hin jedhinii Na dhagayi an kana hunda kan haasawu dubbii gabaabsuufi. ‘Akkamitti?’ jechuun mirga keeti. Gaafii wal fakkaataa “Akkamitti?” jedhu Iyyesuus mataan isaa siif deebisa. Akkam jedhee? Eyyeen Wangeela Yohaannis Boqonnaa 5 Lakkoofsa 30 dubbisi
«Yesus itti dabalee, “ Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda ‘ u ; abbaa koo irraa akkan dhaga’etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu, ‘yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee.»(Wangeela Yohaannis 5:30)
Keewwata kana irraa qabxiiwwan sadi fudhadhuu xiinxali mee:-
Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda’u
Abbaa koo irraa akkan dhaga’etti nan farada
Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu, ‘yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee.
∴ Eyyeen humna kootiin homaa gochuu hin danda’u erga inni jedhe jaalattaniis jibbitaniis humna isaatiin akka inni homaa gochuu hin dandeenye amanuu qabdu. Yoo barbaadde “Akkamiin Gochoota gurguddoo kana hojjete ree?” Jettee gaafii gaafachuu ni dandeessa. Eyyeen! Sumaatu hin xiinxalini malee Innumti mataan isaa “Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu, ‘yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee” jechuudhaan siif deebiseera. Dhugaan kun sitti hadhaawuus liqimsi Iyyesuus dinqii fi milikkita kan hojjete heyyema Rabbiitiini malee fedhii fi humna mataa isaatiin miti.
QABXII SADAFFAA
Hojiiwwan inni hojjete inni maal ta’uu isaa nutti mul’isu?
Iyyesuus dandeettii fii humna isaatiin osoo hin taane, Heyyamaa fi fedha Rabbiitiin:-
Du’aa kaase
Lamxii fayyise
Naafa fayyise
Dinqii fii milikkata gara garaa hojjete jira. .
Eegaa wantoota kana hunda Maal haa ta’uuf hojjete? Akka kiristiyaanoonni jedhan waaqayyo ta’uu mul’isuuf moo akka muslimoonni jedhan ergamaa Rabbii akka ta’e mul’isuuf? Lakkii maalif na gaafatta Mee koottu anaa fii atiis Iyyesuus mataa isaa haa gaafannuu. Iyyesuus maal jedha? Wangeela Yohaannis boqonnaa lakkoofsa irra dubbifadhu. Iyyesuus dinqiifi milikkata hojjete hunda walitti qabee kaayyoo isii yoo ibsu akkana jedha:-
«hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba’a.»(Wangeela Yohaannis 5:36)
∴ Eyyeen dubbiin akka wallaaltoonni ofiif wallaalaan jal’atan Nama jal’isuuf ittiin oliif gad kaatan san osoo hin taane faallaa isaati. Iyyesuusiis Waaqayyo osoo hin taane ergamaa waaqayyoo kanuma akka ergamtoota isa dura dabraniiti. Dinqiiwwan inni hojjetees ergamummaa isaa kan isaaf mirkaneessu malee waaqummaa isaa kan mirkaneessan miti. Dubbiin hanganuma, kan dhugaa barbaaduuf Ragaan tokko qofti ga’aadha. Warra haqa hin barbaadneef immoo Ragaan kumni tokkoyyuu isaaf hin liqinfamtu. Hanga walitti deebinutti nagayatti!

إِنَّ أَوَّلَ بَيْتٍ وُضِعَ لِلنَّاسِ لَلَّذِى بِبَكَّةَ مُبَارَكًا وَهُدًى لِّلْعَٰلَمِينَ {3:96}

Makkaa

Dhugumati manni jalqaba ilma namatiif hala barakeeffamaafi aalama hundaaf qajeelfamaa ta’een kaayame isa Bakkaan (Makkaan) jiru dha. Aali Imran 3:96

ለሰዎች (መጸለያ) መጀመሪያ የተኖረው ቤት ብሩክና ለዓለማት ሁሉ መመሪያ ሲኾን ያ በበካህ (በመካ) ያለው ነው፡፡ (Al-Imran 3:96)

Murteessuun dura dhaabbadhu yeroo Torba itti yaadi.

Waan tokkoo murteessuun dura yeroo torba dhaabbadhu yaadi nuun jedhu beektootni. Qalbiin kee yeroo sadii sirriidha si’i jette, yeroo sadii Lakkii dogoggora si’i jette. Amma kan hafe sagalee tokkoon hafte ishee kana itti fayyadamte murtii isaa sirrii ta’e murteessuu dandeessee. Obboleewwanif Obboleetiwwan kiyya murtii murteessinu kamu murteessuun dura dhaabbadhu itti yaadi. Yeroo ammaa bayye kan nama gadisiisuu sammuu nama ttin yeroo deemnuu nati mul’ata. Fakkeenyaaf Barreeffama kana like, share fi comment gochuun dura maalif Barreeffama kan maxxanse, erga akkamii qaba? Irraa malan baradha? Jette yoo xiinxala gootee waanti sammun kee sitti immu jiraachuu danda’a. Yeroo kana dabalataa Barreeffama kana irratti waan sammu kee itti si’i ajajee irratti hundooftee Like, share fi comment gochuun si’i dhibu. Garuu osoo dubbiftee erga isa hin xinxallin mataa duree ilaalte share gota yoo ta’e namoota biroo illee dogoggora keessa akka galchuuf deemtuu hin dagatin. sababni isaa namoota meeqatu Namni kun dandii qajeelaa irraa naa fuudhee deema jedhee si’i Hordofa jirachuu dagachuu hin qabdu. Ati garuu itti yaade barreeffaamni kun sirridha, sirrii miti jettee osoo taane _ post godheef share godhutti jirta. Kun immoo rakkoo akka biyyattis ta’e akka addunyaatti umama jiruuf dhabbatne itti yaadne osoo taane waan nutii dhufe hunda ni taaha jenne murteessuu keenyattu rakko ammeesa jira. Isaa kanaaf dhaabbadhu itti yaadi.

Murteessuun dura dhaabbadhu yeroo torba itti Yaadi
G K MIDEA

Nabii Muhammadin sallallahu aleyh wassallam kabajuundirqama nama hundaati

Dhugumatti Rabbiin subhaanahu Nabiyyi Isaa Muhammad
amaloota addaa baay’een adda godhee jira.

Inni hogganaa ilmaan Aadami, xumura nabiyyootati, namoota hundaaf
ergame. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:


Jedhi, “Yaa namoota! Dhugumatti, ani Ergamaa Rabbii gara hunda keessaniitti [ergameedha].” Suuratu Al-A’araaf 7:158

Nabii Muhammad (Sallallahu aleyh wassallam) ilmaan namaa hundaaf erga ergamanii dirqamni isaan irra jiru, wanta inni beeksise keessatti isa dhugoomsu, wanta ajaje keessatti isaaf
ajajamuu, wanta inni dhoowwe irraa fagaachuu, shari’aa inni fide qofaan Rabbiin gabbaru fi isa kabajuudha.

Haqa Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam keessaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isa gargaaruu fi kabajuutti ajaje:


“Rabbii fi Ergamaa Isaatti akka amantan, isa gargaartan,
kabajjanii fi ganamaa galgala Isa (Rabbiin) qulqulleessitaniif
[isa ergine]” Suuratu Al-Fathi 48:9
Qaadi Iyaad ni jedha: “Akkuma yeroo jireenya isaa du’aan boodas Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam kabajuun
barbaachisaa akka ta’e beeki. Kunis, yeroo maqaan isaa dhayamu, yeroo hadiisni fi sunnaan isaa dubbatamu, siiraan isaa dhageefatamu [isa kabajuu], warra mana isaatii fi
sahaabota isaa kabajuudha.” (Ash-shafaa 2/595)
Kanaafu, Nabiyyii (SAW) arrabsuun kufrii, abaarsaa fi adabbii
Rabbiitti nama geessa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Dhugamatti kanneen (namoonni) Rabbii fi Ergamaa Isaa rakkisan, addunyaa fi Aakhiratti Rabbiin isaan abaaree jira. Adabbii salphisaas isaaniif qopheesse.” Suuratu Al-Ahzaab 33:57
Ergamaa Isaa rakkisuu keessaa tokko Nabiyyii (SAW)
arrabsuudha.
Ibn Taymiyaan ni jedha: Rabbii fi Ergamaa Isaa arrabsuun
keessaa fi alaan kufriidha. Namni arrabsuu kuni haraama ta’uu
amane ykn halaala kan godhu ta’ee ykn amanti isaa kan
dagatee ta’ee tokkoma. Kuni ilaalcha fuqahati fi warra Sunnah
hordofan iimaanni dubbii fi hojiidha jedhaniiti.” (As-Saarimul
Masluul fuula 451)

Namtichi Kaartoonii Nabi Muhammad maqaa balleessu tolchuun barattootatti agarsiise Faransaay keessatti ajjeefame

Namtichi lammii Faransaay tokko jalqaba ji’a kanaa Kaartooniii Nabi Muhammad maqaa balleessu tolchuun barattootatti agarsiisuu isaatiin, hawaasni muslimaa biyyattii keessumattuu barattootaa fi maatiin barattoota mana barumsichaa gocha barsiisaa kanaatiin mufachuu ibsataa turan. Haata’u malee barsiisaan barnoota Siiviksii fi Seenaa kun, gochi isaa “mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu” tahuu himuun barattoonni kaartonichaan mufatan kutaa gadi lakkisanii haa bahan akka jedhe odeeyfannoon BBC ni mullisa.
Kanuma hordofuun barsiisaan kun guyyaa kaleessaa dargaggoo umrii 18tti tilmaamu tokkoon nannnawa mana barumsichaatti kan ajjeefame tahuu gabaafame. Haaluma walfakkaatuun dargaggoon barsiisaa kana ajjeesuun shakkames battalamutti Poolisootaan kan ajjeefame akka tahe odeeyfannoon ni mul’isa. Ajjeechaa kana hordofuun Poolisiin biyyattii maatii barattootaa dabalatee namoota 9 ol too’annaa jala kan oolche tahuu ibsame.
Faransaay keessatti jibbiinsi Islaamummaa daran kan hammaataa dhufe yoo tahu, Prezdaantiin biyyattii Imanu’eel Makroon jalqaba ji’a kanaa “Islaamni rakkoo hamaa keessa seenee jira; mootummaan Faransaayis qajeelfamootaa fi seera farra Islaamaa ni cimsa” jechuun muslimoota addunyaa dallansiisuun isaa ni yaadatama.

Yoomi Laata-Kutaa 1ffaa

Gaddi yommuu baay’atu, jireenyi yommuu dukkanooftu, haalli keessa jirtu xaxamaa yommuu ta’u, wanta tokko yaadde yommuu sii ta’uu dhiisu, nama fuudhu ykn itti heerumu feetu yoom akka walitti dhuftan yommuu yaaddu, gaafi ‘Yoomi Laata?’ jedhu of gaafatta. Yoomi laata?? Yoomi laata?

Yoomi laata eebbifamee hojii kan qabadhu?

Yommuu gara mana barnoota deemtu, ganamaan hirriba ho’aa keessaa kaate deemun si jibbisisa. Hirriba ho’aa kana irraa kaate erga daree seente booda si nuffisiisa. Yommuu daree baatu hojii manaa fi abbaltii (assaymantii) qarqabatte galta. Kitaabni daree ati dubbistuus tokko lamaa miti. Halkanii guyyaa na dubbisaa jedha. Qormaannis ni dhufa kan si dhamaasu fi jireenya sitti dukkaneessu. Qormaata yoo küfte immoo gaddaa fi ba’aa biraa ofitti dabalta. Yommuu kana hunda ilaaltu ni dheekkamta. ‘Yoomi eebbifame hojii kan qabadhu?’ jette yaadda.

Furmaata: duraan dursee fiixe milkaa’inna kamiyyuu irra ijjachuuf obsi fi carraaqqin baay’ee barbaachisaadha. Bakka kunniin lamaan hin jirretti milkaa’inni fi gammachuun hin jiru. Haa ta’uu malee, carraaqanii fi obsanii namoonni milkaa’inna fi gammachuu jireenya keessaa hin arganne baay’eetu jiru. Eebbifamii qabeenyallee osoo argatanii gammachuu fi tasgabbii hin qaban. Keessi isaanii yeroo hundaa ni jeeqama. Sababni isaa maalidhaa? Sababni isaa baay’eedha. Garuu inni hundee fi ijoo ta’ee, yaadannoo Rabbii irraa garagaluudha. Namni yaadannoo (zikrii, salaata, Qur’aana) Rabbii irraa garagallaan, hanga fedhe qabeenya yoo qabaate keessi isaa tasgabbi hin horatu.

Kanaafu, jireenya keessatti milkaa’innaa fi gammachuu dhandhamuu yoo barbaadde, yaadannoo Rabbii irraa hin garagalin. Qo’adhu, qoradhu, barnoota kee irratti cimi garuu yaadannoo Rabbii irraa hin garagalin gammachuu fi tasgabbii dhabdaati. Yeroo kenniif wanta hundaa ni dhaqqabdaati. Waan salaattuf wanti sii jalaa hir’atu tokkollee hin jiru siif dabalamaa malee. Qabeenyayyu osoo dhabde keessi kee gammachuu fi tasgabbiin guuttama. Sababa salaatatin badii zinaa irraa ni tiikfamta. Wanta biraatu osoo dhabde zinaa irraa yoo tiikfamte gammachuu hangamii akka hargattu mee ilaali. Zinattu osoo küfte salaata sirnaan salaatte gara Rabbii deebi’uun gammachuu dhabde ni deebifatta. Namoota meeqatu eebbifamee hojii malee handaaraa taa’aa jira.

Yoo salaatte fi Rabbiin irratti hirkatte deebiin yoomi laata jedhu deebii argataa adeema. Garuu yoo salaata irraa garagalte gaafin ‘Yoomi laata?’jedhu rakkoo baay’ee sitti fida.

Yoomi laata fuudhe ykn heerume ilma kan horadhu?

Yommuu nama tokko jaallatte fuudhu ykn itti heerumu feetu, halkanii guyyaa yoomi laata kan walitti dhufnu jette yaaddofta. Qormaata fi hadhaa baay’ee dhandhamta. Obsa yoo hin qabaatin sheyxaanni wanta badattis si oofu danda’a. Halkanii guyyaa yaanni kee waa’ee nama sanii ta’a.

Furmaata: fuudhaa heerumni wanta salphaa fi taphaati miti. Fuudhuf qabeenyi ykn maallaqni barbaachisaadha. Hanga maallaqa argatte nama saniin walitti dhuftu karaan dheeradha jette yaadun fedhii foonii kee karaa hin taanen guuttachuuf yoo tattaafatte, yaaddo irratti yaaddo ofitti dabalta. Gara funduraatti maatii gaarii ijaarun sitti ulfaata. Malli kee maalidha ree? Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

“Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, kabaja ofii haa eeggatan (wal-qunnamtii saalaa irraa of haa qusatan).” Suuratu an-Nuur 24:33

Kanaafu, hanga yeroo fuudhaa heerumni ati dheebottuuf dhufu obsuu si barbaachisa. Yoo hin obsin rakkoo baay’ee keessa seenta. Ammas, obsuufis waa si barbaachisa. Halkanii guyyaa ‘Yoomi laata?’ osoo jettu obsi kee baquun wanta badatti seenu dandeessa.

Ammas gara Rabbii fiigu qabda. Humnis, obsiis Rabbiin qofarraa waan ta’eef. Yoo Rabbiin irraa fagaatte obsi kee baquun hadhaa baay’ee dhandhamta. Gaafiwwaan, “Yoomi laata, yoomi laata??…” jedhu sitti baay’ataa adeemu. Garuu yoo gara Rabbitti fiigde, Rabbiin obsaa fi tasgabbii siif kenna. Yaaddon ‘Yoomi laata’ jedhu hir’ataa adeema. Guyyaan addunyaa tanaa baay’ee gabaabdu akka taatetti ilaalun dhiyootti akka wal-qunnamtan goote ilaalta.

Gara Rabbii fiigu jechuun yerooma rakkoo salaata salaatun Isa kadhachuu osoo hin ta’in yeroo hundaa (yeroo rakkoo fi tolaa) Rabbitti hidhachuudha. Wanta Inni dhowwe irraa dhowwamuu, wanta Inni itti nama ajaje raawwachuudha. Namoonni baay’een gara Rabbii deebi’uun jireenya ofii jijjiruuf fedhu ta’a laata. Garuu eessarraa ka’uu akka qaban malli harkaa baduu danda’a. Nama gara Rabbii deebi’ee of jijjiruu barbaaduf tuqaan ka’uumsa ‘salaata’. Salaanni gabrichi rakkoo fi dhiphinna ofii Gooftaa ofiitti karaa ittiin himatu fi gargaarsaf kadhatuudha. Salaanni wal-qabsiistu gabrichaati fi Gooftaati jechuu dandeenya. Namni salaata yoo jabeesse fi sirnaan salaate akkasuma gargaarsi Rabbiin irraa argatu guddaa ta’a.

2:153

Yaa warra amantan obsaa fi salataan gargaarsa barbaada. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suuraa Al-Baqaraa 2:153

Kanaafu, yoo obsinee fi salaata sirnaan salaanne gaafi, “Yoomi laata fuudhe ykn heerume ilma kan horadhu?’ jedhuuf deebii argataa adeemna. Rabbiin karaa fuudhaa heerumaa nuuf laaffisa. Ta’uu baannan, obsas dhabnee salaatas yoo dhiisne, karaan irra deemnu baay’ee ulfaatadha.

Yoomi Laata jireenya dhiphoo kana irraa gara jireenya bal’ootti kan bahu?

Amma immoo gaa’ilaan dura ykn booda yommuu rakkattu, haalli jireenyaa yommuu sitti ulfaatu, teette ‘Yoomi laata jireenya dhiphoo tana keessaa bal’ootti kan bahu?’ jette yaadda. Malaa fi tooftaa barbaadu eegalta. Tarii malli sunis rakkoo malee furmaata kan sii fidu ta’uu dhiisu danda’a. Mataan si dhukkaba, halkanii guyyaa ni yaaddofta. Rakkoo keessa jirtu keessaa bahuuf karaa Rabbiin dhowween deemun rakkoo irratti rakkoo ofitti dabaluu dandeessa. Fakkeenyaf, jireenya dhiphoo keessaa bahuuf jette, yoo hatte, malaamaltummaa raawwatte, namoota gowwomsite fi kkf hojjatte, jireenya dhiphoo irraa gara bal’ootti bahaa jirta osoo hin ta’in, daran dhiphoo irraa dhiphootti bahaa adeemta. Tarii yeroof jireenyi bal’oo fi mijooftu sitti fakkaachu danda’a. Garuu yeroon booda hadhaa baay’ee dhandhamta. Namoota naannoo kee jiran irraa barnoota fudhachuu dandeessa.

Furmaata: jalqaba jireenya dhiphoo keessa yommuu jirtu barnoota irraa fudhu. Hundeema jireenyi dhiphoo fi bal’oon qormaata malee wanta biraati miti. Namni qormaata lamaan kana jala darbe milkaa’innaa fi gammachuu addaan hin cinne argata. Namni küfe immoo adabbitu isa eeggata. Tarii jireenyi dhiphoon tuni gara Rabbii deebi’uun badii hojjatte akka amantu si affeeraa jirti ta’a laata. Yoo gara Rabbii deebitee fi gabricha /gabritti gaarii ta’uuf taattafatte suni waa tole! Garuu jireenya dhiphoo tana irraa barnoota fudhachuu dhiiste Rabbiin irraa yoo garagalte, suni waa bade!

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akka gara Isaa deebi’aniif namoota hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qora. Yoo deebi’uu didanii badii isaanii itti fufan, qananii jireenya isaanitti banuun adabbii hamaan tasa isaan qaba.

Dhugumatti, gara ummattoota siin duraatti [ergamtoota] erginee jirra. Akka isaan Rabbitti warwaataniif hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qabnee jirra. Maaliif yeroo abadni Keenya Isaanitti dhufe hin warwaatinii? Garuu onneen isaanii ni gogde. Sheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse. Yerooma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbala waan [gaarii] hundaa isaanitti banne. Yeroo isaan waan isaanii kennametti gammadan odoo hin beekne [adabaan] isaan qabne. Isaan yoosu abdii murattoota ta’an.” Suuratu Al-An’aam 6:42-44

Qormaata hiyyummaa fi dhukkubaatiin gara Rabbii deebi’uu yommuu didan, qalbiin isaanii ni gogde. Wantoota fokkuu hojjatan sheyxaanni itti bareechise. Mee haa ilaallu biyyoota guddanne ofiin jedhan wantoota fokkuu isaan hojjatan. Sheyxaanni akkamitti akka isaanitti bareechise. Qananii barbaadan hundaa argatanii akka fedhan osoo keessa ta’uun Rabbiin gara isaan hin beeknen adabbii hamaan isaan qaba. Biyyoota amma qaroomne ofiin jedhan keessa of ajjeechan, yaaddon, dhiphinni fi kkf adabbii isaanii ta’ee jira.

Al-Hasan al-Basri akkana jedha, “Nama Rabbiin soorata (qabeenya) kenneefii, Rabbiin isa qoraa akka hin jirre godhee yaade, dhugumatti inni beekumsa hin qabu. Akkasumas, namni soorata (qabeenya) xiqqoo qabaate, Rabbiin gara isaa kan hin mil’anne godhee yaade, dhugumatti inni beekumsa hin qabu.” (Tafsiira Ibn kasiir irraa fudhatame)

Dhugumatti ilmi namaa Rabbiin yommuu qabeenya itti kennu waan Rabbiin isa jaallate se’ee of tuula. Akkasumas, qabeenya xiqqoo yoo qabaate, Rabbiin waan isa jibbe se’uun, Rabbiin komata. Baay’achuu fi xiqqaachun qabeenyaa jaalala Rabbii hin agarsiisu. Rabbiin kan nama jaallatu taqwaa fi hojii gaarii hojjachuuni.

Hadiisa Abu Hureyran gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhu.

إِنَّ اللَّهَ لاَ يَنْظُرُ إِلَى صُوَرِكُمْ وَأَمْوَالِكُمْ وَلَكِنْ يَنْظُرُ إِلَى قُلُوبِكُمْ وَأَعْمَالِكُمْ ‏”‏
“Dhugumatti Rabbiin suuraa fi qabeenya keessan hin ilaalu. Garuu qalbii fi hojiiwwan keessan ilaala.” (Sahih Muslim 2564)

Kanaafu, jireenya dhiphoo keessaa gara bal’ootti bahuu yoo barbaadde, jalqaba gara Rabbitti deebi’i. Badii hojjataa turte amanuun akka siif araaramu itti warwaadhu. Jireenyi bal’oon qabeenyi baay’achuu qofaa miti; keessi kee tasgabbii fi nageenya yoo qabaate jireenyi tee jireenya bal’oo jedhamti. Namoota meeqatu qabeenya baay’ee qabu. Garuu jireenya dhiphoo jiraatu waan yaadannoo Rabbii irraa garagalanif. Yoo gara Rabbii deebite fi Isaa ajajamte, wantuma xiqqoo qabdutti akka quuftu fi gammaddu Rabbiin si taasisa. Wantuma xiqqoo qabdutti jireenya bal’oo jiraatta. Yaadannoo Rabbii irraa garagaluun qabeenya baay’ee argachuun jireenya bal’oo nan jiraadha yoo jette, yomiyyuu jireenya dhiphoo keessa gara bal’ootti bahuuf carraa hin argattu. Yeroo hundaa keessi kee sodaa fi gaabbin guuttama.

20:124

“Namni yaadanno (Qur’aana) Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamas jaamaa goonee isa Kaafna” Suura Xaahaa 20:124

Imaam ibn Al-Qayyim wantoota armaan olitti tarreessine haala kanaan guduunfa,”Qalbii tartiiba hin qabnetu jira. Gara Rabbii qajeeltu malee tartiiba hin horattu. Addummee (kophummaatu) itti dhagahama, addatti Rabbitti dhiyaatu (yaadatu) malee kophummaan kuni gadi hin lakkisu. Isa keessa gadda cimatu jira, Rabbiin beekuu keessatti gammachuu fi hojii isaa keessatti haqummaa qabaatu malee gaddii kuni irraa hin deemu. Isa keessa jeequmsatu jira. Yaada isaa guutu gara Rabbii sassaabu fi jeequmsa irraa gara Isaatti fiigu malee tasgabbii hin argatu. Isa keessa ibidda gaabbitu jira. Hanga inni ajajaa Rabbii fi wanta Inni dhowwee irraa dhowwamuun itti gammadu fi murtoo Rabbii irratti sabrii qabaatu malee ibiddi gaabbii kuni hin dhaamu. Garmalee wanta tokko barbaada. Hanga wanta hundaa Rabbiin qofarraa barbaadutti malee garmalee barbaadun (dharra’uun) kuni isarraa hin dhaabbatu. Dabalataaf (namoota biroo caaluuf) garmalee haafaya. Kana ofirraa ittisuu hin danda’uu hanga Rabbiin jaallatu, yeroo hundaa Isaa yaadatu fi ikhlaasa qabaatu malee. Osood addunyaa fi wanti ishii keessa jiru guutun kennameefi dharraa namoota biroo caaluuf haafayu gonkumaa irraa hin ittisu. “(Madaaraja saalikin 3/156)

FAAYIDAALEE BISHAAN QABBANAA’AAN QAAMA DHIQACHUUN FAYYAA SAMMUUF QABU OSOO BEEKTEE GUYYAA TOKKOO BISHAAN QABBANA SODAATEE SALAATA SUBII HIN DHIIFTU TURE.

Baayyeen naamootaa gaafa bishaan diilallaan dhiqachuu yaadan kan isaanitti mullatu diilalla bishaaanichaan gaafa hafuuraa citan ykn harganuu dadhabuun yeroo dhiphatan fi mijuu ofii yoo dhaban natti fakkata.


Kana hambisuuf kaan danda’u elektrikiin, kaan ibiddaan kaan ho’a aduutiin bishaan ho’isuun qaama ofii dhiqachuun amala baratamaa dha.
Yeroo ammaa kana qorannooon gara garaa bishaan qabbanaan qaama dhiqachuu amaleeffachuun fayyaa ofiitiif faayidaa hedduu akka qabu ni ibsu.


Faayidaaleen kunneen dhibee gogaa, onnee, kalee, sammuu fi kkf ittisuu irraa kaasee haga yaaluutti ni ga’u jedhu.
Armaan gaditti faayidaa bishaan diilallaan qaama ofii deddeebisanii dhiqachuun fayyaa sammuuf keennu muraasan ibsa.
======


1. Dhugaa addunyaa kanaa amananii akka fudhatan nama taasisa (acceptance). Ganama hirribaa ka’anii ykn galgala erga aduun galtee bishaan diilalla qaama ofiitti naquun yeroo sanaaf mijuu ofii namarraa mulqa.Garuu yeroo bishaanni diilalli kun qaama keessan irra dhangala’u yeroof mijuu dhabuu sana keessa taatanii yoo tasgabbiin hubattan, addunyaa kana irratti waantota isin jaallattan qofa utuu hin ta’in kan isin hin feene illee isin irratti ta’uu akka danda’an isin agarsiisa. Kun immoo isinis akkuma namoota kaanii nama qofa akka taatanii fi waan hunda furuu akkaa isin hin dandeenyee fi hundi furmaata akka hin barbaanne isin yaadachiisa. Gaafa irra deddeebiin kana gootan waan hiikuu hin dandeenye fudhachuu Sammuu keessan shaakalchiisaa jirtu jechuudha. Sammuun akkasiin shaakale waantoota humna keessanii olii (fedhii keessan malee) addunyaa keessan keessatti isin mudataniif hin suukannaa’u darbeeyyuu tasgabbiin fudhachuun wajjin jiraachuun rakkoo sammuu irraa isin oolcha.
——-


2. Aarii hir’isuuf baayyee gargaara. Namni waa danda’uu fi akka dhufaatii isaatti tasgabbiin hiikuu shaakale aariis ta’e miiroota ofii biroo salphaatti to’ochuu danda’a. Kun immoo gochoota badii miiraan godhaman hedduu irraa nama baraaruun,Sammuu fayyaa-qabeessa godha.
——–


3. Dammaqina namaaf kenna. Gaafa bishsaan qabanna’aa qaama ofirra dhangalaasan qilleensa baay’inaa fi ariitiin gara somba ofitti galchuuf nama dirqisiisa;kun immoo oksijiinii (oxygen) baayyeen gara qaama ofii akka seenuu fi qaamota barbaachisoo akka sammuutiif akka ga’u godha. Oksijiinii baayyeen gara Sammuu ga’e Sammuun anniissaa baayyee akka argatuu fi dammaqaa akka ta’u taasisa.
——


4. Dhibee yaaddoo/dhiphuu ni ittisa; namoota yaaddoo kessa jiraniifis furmaata.(anxiety)
——-


5. Dhibee mukaa’uu hamaa (depression) ni ittisa, namoota dhibee kanaan qabamanis dawaa isaanii fudhachaa yoo dhiqannaa kana itti fufan faayyina isaanii akka ariifatu gargaara.Gogaa namaa irra narvii ho’a to’atan caalaa kan diilalla to’atantu baay’naan faca’ee argama; kanneen gaafa bishaan qabbana’aan qaama namaa tuqu,ergaa kana dafanii gara sammuutti geessu. Kun Sammuun akka dammaquu fi kaka’u godha,yoona kana mukuunis ni bada jechuu dha. Kanarraa ka’uun biyyoota guddatan biratti dhibee kanaaf akka yaala tokkootti haaydirooteeraapii (hydrotherapy) jedhamee ganama ganama bishaan qabbana’aan dhiqachuun ni kennama. Bu’aan yaala kanaa qoricha dhibee kanaaf kennamu wajjin illee kan wal madaalu ta’uu qorannaan agarsiiseera.
——–


6. Dhiphuu furuuf furmaata gaariidha. Bishaanni qabbbana’aan kemikaala yuurikasiidii (uric acid) jedhamu kan dhiphuu fiduun beekamu dhiiga keessaa hir’isuu fi kemikaala gilutaatiyoon (gluthathione) jedhamu kan dhiphuu hir’isuun beekamu akka dhiiga keessatti baay’inaan argamu gochuun dhiphuu irraa nama furuu danda’a.
——–


7. Dhiirootaaf fedhii saal-quunnamtii fi dandeettii hormaataa ni dabala. Sanyiin dhiiraa ho’ina qaama namaa dandamachuu waan hin dandeenyeef cidhaan namaa gaafa ho’aa qaama namaa irraa gadi rarra’ee gaafa qorraa ol deebi’uun kunuunsa godhaaf. Egaa bishaan qabbanaan dhiqachuun mijuu sanyiin dhiiraa barbaadu kana kennuufiin dalagaa isaa sirriitti akka raawwatu ni gargaara. Darbees keemikalaa teestestiroonii (testosterone) jedhamu kan fedhii saal- quunnamtii fi wal hormaataaf gargaaru akka burqu gochuun namootni saalquunnamtii fayyaa-qabeessa  akka akka qabaatan taasisa.
———


8. Abdii fi ‘nan danda’aa ’ nama keessatti uuma. Waanta hin barbaanne dandeessanii rakkoo isaa dandamattanii guyyaa guyyaan gochuun ofitti amanummaa keessan guddisuun ‘nan danda’a’ hafuura jedhuun isin guuta.
——–


9. Ulfaatina qaamaa hir’suuf baayyee faayida qabeessa. Akkuma hunduu beeku yeroo kana namootni baayyeen keessattuu dubartoonni waa’ee ulfaatinaa fi bifa isaaniitiif baayyee dhiphatu. Namootni kun ofitti amanuu dhabuu fi ilaalchi ofiif qaban hir’achuun dhibee Sammuu gara garaatiif (depression, body dysmorphic disorder) akka saaxilaman beekamaa dha. Egaa ganama ganama bishaan qabbana’aan qaama ofii dhiqachuun ulfaatina ofii hir’isuun mala rakasa fi salphaan fayyaa sammuu ofii eguu dha.
———-


10. Kan nama dhibu yoo gara galgalaa bishaan diilallaan qaama ofii dhiqatan hirriba qulqulluu fi boqonnaa qabu rafuuf akka fayyadu qorattoonni baayyeen ragaa ba’u.

Waantoota Adduniyaa kanaa irraa jiran kamiifuu onnee keetiin wal hin qabsisin. Guyyaa tokko baay’isee si miidha. Namni hunduu guyyaa tokkoo si’i dhiisaa. Jireenyi duniyaa kun yeroodhaf. Kan yeroo hunda jiraatu Rabbii tokkichaa qofa. kanaaf onnee kee isa si’i uumee irratti harkifachuun jalalaa isa irraa barbaadadhu. Namni har’a isa qofatti Onnee kennate Gammachu malee cinqii wal hin arguu.

Rabbii keeti hangam itti dhiyaata?

Rabbii keeti hangam itti dhiyaata? Waan inni itti si’i ajaje hundahojjecha jirta? waan kheeyrii irratti hangam itti daddaftee hojjachuutti jirta?  Qur’aana Guyyaa Har’a Qarate (dubbistanii) jirtu?  Balballidhiifamaa ammayyuu banaadha yaadadhu. araaramaa gaafachuu itti fufi, irra deddeebi’uun araaraamaa kadhachuu itti fufi,  Inni baay’ee Gara Lafeesaa dhiifama gochuu jaallata.

Rabbii keeti hangam itti dhiyaata?

Rabbii keeti hangam itti dhiyaata?

Rabbii keeti hangam itti dhiyaata? Waan inni itti si’i ajaje hunda
hojjecha jirta? waan kheeyrii irratti hangam itti daddaftee hojjachuutti jirta?  Qur’aana Guyyaa Har’a Qarate (dubbistanii) jirtu?  Balballi
dhiifamaa ammayyuu banaadha yaadadhu. araaramaa gaafachuu itti fufi, irra deddeebi’uun araaraamaa kadhachuu itti fufi,  Inni baay’ee Gara Lafeesaa dhiifama gochuu jaallata.

Create your website at WordPress.com
Get started